Mul’ata

Manneen Baruumsa Sanbataa Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaatti hundaa’an kan dhaloota Sirnaa fi Daddarboo Amantaa beekan; Tajaajiloota Bulchiinsaa fi Afuurawaa dhaalan; Amala Gaariin/Naamusaan Ijaaramee, fi jijjiiramoota Biyyaalessaa fi Idila Addunyaa keessatti qooda gaarii gumaachuu danda’an bakka buusanii arguu

Ergama

Gamtaan Manneen Baruumsa Sanbataa Sadarkaa Sadarkaadhaan hundeeffaman cimsuu fi hojiimaata giddugalaa diriirsuudhaan Manneen Sanbataa Amantaa, Sirnaa fi Daddarboo Mana Kiristaana Ortodoks Tawaahidoo barsiisanii fi eeganii eegsisan gurmeessuu, Cimsuu fi Qindeessuudhaan Tajaajila Duuka Bu’ummaa Mana Kiristaanaa Sadarkaa biyyaatti akkasumas addunyaa hundatti akka babal’isan taasisuu

Duudhaalee

Jireenya Afuurawaa, Tokkummaa,
Walgargaaaruu,
Tajaajilummaa,
Itti gaafatamummaa Kiristaanawaa,
kaayyoof dhaabbachuu fi Dhugaa bahuu,
Tajaajila Jaalalaan ta’e,
Yeroo/Jabana dursuu

Dhimmoota Waayitaawaa

Barattoota mana Barumsaa Sanbataa kutaa 12ffaa bara 2017 akkaataa kaarikulamiitiin barachaa turaniif qormaanni moodeela kennameera.

Kutaan Bulchiinsa Manneen Barnootaa Sanbataa barattoota kutaa 12ffaa akkaataa kaarikulamii Tokkummaa Manneen Barnootaatiin Sanbata Waxabajjii 22 hojiirra oolcheen barataniif qormaata moodeela kenneera.

“Ergamoota ijoo keessaa tokko Mikaa’el na Gargaaruuf dhufe.” Daan 10:13.

Mikaa'eel jechuun akka Waaqayyoo Kan Jiru Eenyu jechuudha. Kunis akka Waaqayyootti Amala Isaatiin Qulqulluu Kan Ta'e, akka Waaqayyootti Qulqulluu Kan Ta'e,mudaa Kan hin qabne Eenyu Kan Jedhuudha. Amaluma Isaatiin qulqulluu kan ta'e Waaqayyoo Malee Hin Jiru waan ta'eef. S.Keessa Deebii 33:26

Ergaa Tokkummichaa

Tajaajila bara bite

Akka ta’uu qabutti bara ce’uun kan danda’amu,  barumsa mana kiristaanaa waqtii isaa eeggate akkuma haala jireenyaa barichaatti dhiyeessii fi qaqqabinsa isaa bal’isuudhaan yoo ta’u, adeemsi kunis adeemsa keessatti  carraa fi rakkoo wal-cinatti keessummeessan ta’uusaatiin, bu’uura barsiisa mana kiristaanaatiin barumsa Q. Phaawuloos kiristaanota barsiise, “Abboota keessan dubbii Waaqayyo isinitti himan yaadadhaa; firii jireenya isaanii akkaa ilaaltan amantii keessaniin isaan fakkaadhaa” Ibr. 13:7,  jedhu eeguun fi haala amma tajaajilli irra jiru hubachuun galma gahumsa tajaajila M/B/Dilbataaf qorumsa  yeroo amma argaa jirru kana keessa darbuuf, tooftaadhaan tajaajiluu fi rakkoowwan garaagaraa akkuma dhufaatii isaaniitti keessa darbuuf mala ciminaan hojjechuu diriirsuu irratti ni xiyyeeffata. “Guyyoonni hamoo waan ta’aniif baricha bitaa” Efes. 5:16

‘Facebook’n nu qunnamaa

Ergaalee

Ergaa Qulqulluu Paatriyaarikii

“Tokkummaan M/B/Dilbataa jabaachuu qaba. Manneen barnootaa dilbataa caasaa tajaajila idil-addunyaa fi manni kiristaanaa itti gaafatamummaa itti kennitedha. Kanaaf caaseeffama hundaan tokkummaadhaan yammuu hojjettan mana kiristaanaaf kennaa; nuufis immoo gammachuu keenyadha”

Ergaa yaa’ii waliigalaa Tokkummaa M/B/Dilbataa kan waggaa kan B.A.2013 irraa kan fudhatame.

Ergaa Hangafa Phaaphaasii Qajeelchichaa

[M/B/Dilbataa] Dhaabbata dhaloonni haaraan mana kiristaanaa ittiin argamudha. Dhaloota irraa dhalootatti, barumsa mana kiristaanaa eeguu fi eegsisuun itti fufsiisuuf bara kanatti tokkummaan manneen barnootaa dilbataa baay’ee barbaachisaa fi tajaajilli walfakkaataan sirna isaa eeggatee bakka hunda akka gahuuf kan gargaaru,  Qulqulluu Sinoodoosiitiin seerri kennameefii,  caasaa guddaa caaseffama mana lubummaa hunduma keessatti hojjetudha. Kanaaf qaamni mana kiristaanaa hundi dursa kenneefii deeggarsaa fi kunuunsa gochuufii qaba.

Ergaa yaa’ii waliigalaa Tokkummaa M/B/Dilbataa kan waggaa kan B.A.2013 irraa kan fudhatame.

Teessoon keenya

Yaada keessan nuuf qoodaa