Mul’ata

Manneen Baruumsa Sanbataa Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaatti hundaa’an kan dhaloota Sirnaa fi Daddarboo Amantaa beekan; Tajaajiloota Bulchiinsaa fi Afuurawaa dhaalan; Amala Gaariin/Naamusaan Ijaaramee, fi jijjiiramoota Biyyaalessaa fi Idila Addunyaa keessatti qooda gaarii gumaachuu danda’an bakka buusanii arguu

Ergama

Gamtaan Manneen Baruumsa Sanbataa Sadarkaa Sadarkaadhaan hundeeffaman cimsuu fi hojiimaata giddugalaa diriirsuudhaan Manneen Sanbataa Amantaa, Sirnaa fi Daddarboo Mana Kiristaana Ortodoks Tawaahidoo barsiisanii fi eeganii eegsisan gurmeessuu, Cimsuu fi Qindeessuudhaan Tajaajila Duuka Bu’ummaa Mana Kiristaanaa Sadarkaa biyyaatti akkasumas addunyaa hundatti akka babal’isan taasisuu

Duudhaalee

Jireenya Afuurawaa, Tokkummaa,
Walgargaaaruu,
Tajaajilummaa,
Itti gaafatamummaa Kiristaanawaa,
kaayyoof dhaabbachuu fi Dhugaa bahuu,
Tajaajila Jaalalaan ta’e,
Yeroo/Jabana dursuu

Dhimmoota Waayitaawaa

Ergaa Tokkummichaa

Tajaajila bara bite

Akka ta’uu qabutti bara ce’uun kan danda’amu,  barumsa mana kiristaanaa waqtii isaa eeggate akkuma haala jireenyaa barichaatti dhiyeessii fi qaqqabinsa isaa bal’isuudhaan yoo ta’u, adeemsi kunis adeemsa keessatti  carraa fi rakkoo wal-cinatti keessummeessan ta’uusaatiin, bu’uura barsiisa mana kiristaanaatiin barumsa Q. Phaawuloos kiristaanota barsiise, “Abboota keessan dubbii Waaqayyo isinitti himan yaadadhaa; firii jireenya isaanii akkaa ilaaltan amantii keessaniin isaan fakkaadhaa” Ibr. 13:7,  jedhu eeguun fi haala amma tajaajilli irra jiru hubachuun galma gahumsa tajaajila M/B/Dilbataaf qorumsa  yeroo amma argaa jirru kana keessa darbuuf, tooftaadhaan tajaajiluu fi rakkoowwan garaagaraa akkuma dhufaatii isaaniitti keessa darbuuf mala ciminaan hojjechuu diriirsuu irratti ni xiyyeeffata. “Guyyoonni hamoo waan ta’aniif baricha bitaa” Efes. 5:16

‘Facebook’n nu qunnamaa

Ergaalee

Ergaa Qulqulluu Paatriyaarikii

“Tokkummaan M/B/Dilbataa jabaachuu qaba. Manneen barnootaa dilbataa caasaa tajaajila idil-addunyaa fi manni kiristaanaa itti gaafatamummaa itti kennitedha. Kanaaf caaseeffama hundaan tokkummaadhaan yammuu hojjettan mana kiristaanaaf kennaa; nuufis immoo gammachuu keenyadha”

Ergaa yaa’ii waliigalaa Tokkummaa M/B/Dilbataa kan waggaa kan B.A.2013 irraa kan fudhatame.

Ergaa Hoji-gaggeessaa Waliigalaa

Abdiin mana kiristaanaa kan irra jiru caasaan tajaajila M/B/Dilbataa, caasaa manni kiristaanaa ittiin dhaloota haaraa kunuunsitee baay’istuu fi yeroo irraa yerootti xiyyeeffannoo itti kennuun jajjabeessuu qabdudha. Sababni isaa, dhaloota bakka bu’aa argamsiisuu irra darbee adeemsa hojii qorumsa har’a manni kiristaanaa keessa jirtu ittisuu fi eeguuf isaan dandeessisu waan qabaniifidha.

Ergaa yaa’ii waliigalaa Tokkummaa M/B/Dilbataa kan waggaa kan B.A.2013 irraa kan fudhatame.

Ergaa Hangafa Phaaphaasii Qajeelchichaa

[M/B/Dilbataa] Dhaabbata dhaloonni haaraan mana kiristaanaa ittiin argamudha. Dhaloota irraa dhalootatti, barumsa mana kiristaanaa eeguu fi eegsisuun itti fufsiisuuf bara kanatti tokkummaan manneen barnootaa dilbataa baay’ee barbaachisaa fi tajaajilli walfakkaataan sirna isaa eeggatee bakka hunda akka gahuuf kan gargaaru,  Qulqulluu Sinoodoosiitiin seerri kennameefii,  caasaa guddaa caaseffama mana lubummaa hunduma keessatti hojjetudha. Kanaaf qaamni mana kiristaanaa hundi dursa kenneefii deeggarsaa fi kunuunsa gochuufii qaba.

Ergaa yaa’ii waliigalaa Tokkummaa M/B/Dilbataa kan waggaa kan B.A.2013 irraa kan fudhatame.

Teessoon keenya

Yaada keessan nuuf qoodaa