“Ergamoota ijoo keessaa tokko Mikaa’el na Gargaaruuf dhufe.” Daan 10:13.

Mikaa’eel jechuun akka Waaqayyoo Kan Jiru Eenyu jechuudha. Kunis akka Waaqayyootti Amala Isaatiin Qulqulluu Kan Ta’e, akka Waaqayyootti Qulqulluu Kan Ta’e,mudaa Kan hin qabne Eenyu Kan Jedhuudha. Amaluma Isaatiin qulqulluu kan ta’e Waaqayyoo Malee Hin Jiru waan ta’eef.

S.Keessa Deebii 33:26

Waxabajjij 12: Angafa Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel Guyyaan Itti Muudame Ni Kabajama. Akkasuma Xalayaan  Baahiraan Du’a Irraa Gara Jireenyaatti kan Jijjiirame Fi Qulqulleettii Afoomiyaan Seexaana irraa Ishee Fayyise guyaa itti  Yaadatamuudha.

“Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf Ergamaa koo si dura nan erga.”
— Bau. 23፥20

Ergamaan Kun Kakuu Moofaa Keessatti Israa’eloota Foonii Garbummaa Misir Jalaa Baasuun Bilisa Akkuma Baasee Fi Iddoo Dhaalmaa Isaanii Kana’aan Akka dhaalan daandii isaaniirratti hunda akkuma isaan eegaa ture Akkasuma Baahiraan Daandii Du’aa Inni Itti Deemaa Ture Gara Jireenyaatti Jijjiire, Afoomiyaas Harka  Seexana Jalaa Baasee Kabajaaf Qaqqabsiisee.

Seenaa Baahiran fi Qulqulleettii Afoomiyaa keessatti gargaarsi Ergamaa Kanaa jireenya keenya keessatti kiristaanotaaf barumsa humna guddaa qabudha. Qulqulluun Mikaa’eel Ykn Ergamoonni jireenya guyyaa guyyaa dhala namaa keessatti adeemsa mootummaa Waaqaa dhaaluuf imalan Keessatti Kan Gargaaraniidha. Qulqulluun  Phaawuloos Ergaa Isaa Gara Ibrootaaf Barreesse Keessatti akkas jedhee barreesse:

“Isaan kun hundinuu Afuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?”  Ibr. 1፥14

Har’as Nuti Angafni Ergamoitaa Qulqulluun Mikaa’eel Akkaa Mootummaa Waaqayyoo Dhaalluuf Kan Nu Tajaajiluu Fi Gargaaruu Mitii Ree? jennaan.

Amanuu,Cuuphamuu – Hojii gaarii hojjechuun seeraa fi heera Waaqayyoo Eeguun fi Gaabbii Galuun Kun Hundi Daandii fi wantoota mootummaa Waaqayyoof Nama Qaqqabsiisaniidha.

Angafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel .

Namaaf Kan Na’u, Yaadu, Yeroo dhiphinaas kan nama jajjabeessu, yeroo dadhabbiis kan nama jabeessu, yeroo gaddaa kan nama tasgabbeessuu dha. Luqaas 22: 43, Daan 10:20.

Gidiraa foonii fi lubbuu irraa nama kan fayyisuu dha. Faar 33:7: S.Uum 48:16 Ibr 1:14
Wantoota Hamaa Dhala Namaa Mudatan Hunda Irraa Nama Eega.  Daan 10:13, Daan 12 :1

Namootaaf Waaqa isaanii irraa ni kadhataaf.
Zak 1: 12-13 .
Ergamaa nama hundumaaf gaarii hojjetuudha. Henok 6: 1-2.
Ergamaa ulfina qabeessadha. Lafti hundinuu ulfina Isaa Irraan Kan Ka’e,ni ifti. HoE 10:1, Mul’ata 18 :1 .

Barsiisaa gad of qabuu nama barsiisuudha. Kanaanis Barsiisaa Kasoominaa Jedhama. Yihudaa 1:9

Fayyina namaaf gammachuu kan taasisuudha. Luqaas 15: 7 .

Eegumsi fi gargaaris Ergamaa Qulqulluu Mikaa’el Lafa Kannarrattii Fi Samiittis Nu Haa Eegu.

Ayyaana Gaarii!!!

Tokkummaa Manneen Barnoota Sanbataa