Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaa Teesso Paatriyaarkii Qindeessaa Manneen Baruumsa Sanbataatti Yaa'ii walii galaa Gamtaa Manneen Baruumsa Sanbataa
  • Jalqaba Fuulaa
  • Waa’ee keenya
    • Odeeffannoo Bu’uuraa
    • Gurmaa’insa caasaawaa
  • Kutaalee Tajaajilaa
    • Kooree dhabbii dhimma walquunnamtii
    • Kooree dhabbii dhimma barumsa fi leenjii
    • koree dhaabbii dhimma faaruu fi isaan walqabatan
    • Koree dhaabbi dhimma karooraa
    • Kooree dhaabbii dhimma misooma fi of danda’uu
    • Kooree dhaabbii dhiimma bulchinsa fi faayinansii
    • Kooree dhabbii dhimma odeffannoo
    • Koree dhaabbii qo’annaa fi qorannaa
    • Koree dhaabbii qophii ayyaanaa
  • “Sirna” Barnootaa
  • Pirojektoota
  • Nu Argadhaa
  • Menu Menu

“Ergamoota ijoo keessaa tokko Mikaa’el na Gargaaruuf dhufe.” Daan 10:13.

Mikaa’eel jechuun akka Waaqayyoo Kan Jiru Eenyu jechuudha. Kunis akka Waaqayyootti Amala Isaatiin Qulqulluu Kan Ta’e, akka Waaqayyootti Qulqulluu Kan Ta’e,mudaa Kan hin qabne Eenyu Kan Jedhuudha. Amaluma Isaatiin qulqulluu kan ta’e Waaqayyoo Malee Hin Jiru waan ta’eef.

S.Keessa Deebii 33:26

Waxabajjij 12: Angafa Ergamootaa Qulqulluun Mikaa’eel Guyyaan Itti Muudame Ni Kabajama. Akkasuma Xalayaan  Baahiraan Du’a Irraa Gara Jireenyaatti kan Jijjiirame Fi Qulqulleettii Afoomiyaan Seexaana irraa Ishee Fayyise guyaa itti  Yaadatamuudha.

“Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf Ergamaa koo si dura nan erga.”
— Bau. 23፥20

Ergamaan Kun Kakuu Moofaa Keessatti Israa’eloota Foonii Garbummaa Misir Jalaa Baasuun Bilisa Akkuma Baasee Fi Iddoo Dhaalmaa Isaanii Kana’aan Akka dhaalan daandii isaaniirratti hunda akkuma isaan eegaa ture Akkasuma Baahiraan Daandii Du’aa Inni Itti Deemaa Ture Gara Jireenyaatti Jijjiire, Afoomiyaas Harka  Seexana Jalaa Baasee Kabajaaf Qaqqabsiisee.

Seenaa Baahiran fi Qulqulleettii Afoomiyaa keessatti gargaarsi Ergamaa Kanaa jireenya keenya keessatti kiristaanotaaf barumsa humna guddaa qabudha. Qulqulluun Mikaa’eel Ykn Ergamoonni jireenya guyyaa guyyaa dhala namaa keessatti adeemsa mootummaa Waaqaa dhaaluuf imalan Keessatti Kan Gargaaraniidha. Qulqulluun  Phaawuloos Ergaa Isaa Gara Ibrootaaf Barreesse Keessatti akkas jedhee barreesse:

“Isaan kun hundinuu Afuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?”  Ibr. 1፥14

Har’as Nuti Angafni Ergamoitaa Qulqulluun Mikaa’eel Akkaa Mootummaa Waaqayyoo Dhaalluuf Kan Nu Tajaajiluu Fi Gargaaruu Mitii Ree? jennaan.

Amanuu,Cuuphamuu – Hojii gaarii hojjechuun seeraa fi heera Waaqayyoo Eeguun fi Gaabbii Galuun Kun Hundi Daandii fi wantoota mootummaa Waaqayyoof Nama Qaqqabsiisaniidha.

Angafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel .

Namaaf Kan Na’u, Yaadu, Yeroo dhiphinaas kan nama jajjabeessu, yeroo dadhabbiis kan nama jabeessu, yeroo gaddaa kan nama tasgabbeessuu dha. Luqaas 22: 43, Daan 10:20.

Gidiraa foonii fi lubbuu irraa nama kan fayyisuu dha. Faar 33:7: S.Uum 48:16 Ibr 1:14
Wantoota Hamaa Dhala Namaa Mudatan Hunda Irraa Nama Eega.  Daan 10:13, Daan 12 :1

Namootaaf Waaqa isaanii irraa ni kadhataaf.
Zak 1: 12-13 .
Ergamaa nama hundumaaf gaarii hojjetuudha. Henok 6: 1-2.
Ergamaa ulfina qabeessadha. Lafti hundinuu ulfina Isaa Irraan Kan Ka’e,ni ifti. HoE 10:1, Mul’ata 18 :1 .

Barsiisaa gad of qabuu nama barsiisuudha. Kanaanis Barsiisaa Kasoominaa Jedhama. Yihudaa 1:9

Fayyina namaaf gammachuu kan taasisuudha. Luqaas 15: 7 .

Eegumsi fi gargaaris Ergamaa Qulqulluu Mikaa’el Lafa Kannarrattii Fi Samiittis Nu Haa Eegu.

Ayyaana Gaarii!!!

Tokkummaa Manneen Barnoota Sanbataa

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on WhatsApp
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
https://eotc-gssu.org/ao/wp-content/uploads/ቅዱስ-ሚካኤልjpg-845x684-1.jpg 684 845 gssu https://eotc-gssu.org/ao/wp-content/uploads/oromiffa.png gssu2025-06-19 16:27:212025-06-30 10:19:45“Ergamoota ijoo keessaa tokko Mikaa’el na Gargaaruuf dhufe.” Daan 10:13.
Search Search

Recent Posts

  • Barattoota mana Barumsaa Sanbataa kutaa 12ffaa bara 2017 akkaataa kaarikulamiitiin barachaa turaniif qormaanni moodeela kennameera.
  • “Ergamoota ijoo keessaa tokko Mikaa’el na Gargaaruuf dhufe.” Daan 10:13.
  • Koree dhaabbii qophii ayyaanaa
  • Koree dhaabbii qo’annaa fi qorannaa
  • Kooree dhaabbii dhiimma bulchinsa fi faayinansii

Archives

  • July 2025
  • June 2025
  • September 2021
© Ethiopian Orthodox Church Global Sunday School Union | Website by atbiya.com
  • Link to Facebook
  • Link to Youtube
  • Link to Telegram
  • Link to TikTok
Link to: Koree dhaabbii qophii ayyaanaa Link to: Koree dhaabbii qophii ayyaanaa Koree dhaabbii qophii ayyaanaa Link to: Barattoota mana Barumsaa Sanbataa kutaa 12ffaa bara 2017 akkaataa kaarikulamiitiin barachaa turaniif qormaanni moodeela kennameera. Link to: Barattoota mana Barumsaa Sanbataa kutaa 12ffaa bara 2017 akkaataa kaarikulamiitiin barachaa turaniif qormaanni moodeela kennameera. Barattoota mana Barumsaa Sanbataa kutaa 12ffaa bara 2017 akkaataa kaarikulamiitiin...
Scroll to top Scroll to top Scroll to top