Kooree dhabbii dhimma barumsa fi leenjii
” egaa deematti ormoota hundaa maqaa Abba kan Ilmaa fi Afura qulqullittin cuubaa, kan sin ajajee hunda akka eganiis isaan barsiisa duka bu’oota tasisa,kunoo anis hanga dhuuma addunyatti yeroo hunda isiin waliinin jira”. (Maat 28:19-20)
Tessoo patriyarikittii tokkummaa mannen barnoota dilbatatti kooreen dhabbii dhimma barumsaa fi leenjii
Da’iiman, gudattota fi dargagoota
- dogma, qannoona fi darbii darboo mana amantaa ortodoksi tewahido sirritti akka barataniif,
- seera fi sirna mana kiristaana akka bekanii fi akka kabajaniif,
- amala gaarii kiristaanummaan bocamanii jireenya isaanii icciitilee mana kiristanaan akka dursanii fi jireenya bara baraa dhaluuf akka qopha’aaniif,
- yammuu lafarraa jirattaniis iftii isaani addunya guutuuf kan ifee akka ta’uu fi
- ergama duka bu’umma mana kiristaana dhaloota gara dhalootattii bu’uura(hunde) jabaan akka darbuuf mana kiristaana boorii ga’uumsaan akka dhalaniif yaalii ciimaa ni taasisa.
Tajajila kanafis qajelchaafi ijaara mannen barnoota dilbata angoo qal awaadii fi qulqulluu sinodosin keenname irrattii hunda’ee sirna barnoota mannen barnoota dilbata wiirtuu irratti qopha’ee guutu addunyatti mannen barnoota dilbataa teessoo patriyarikiirraa hanga mannen barnoota dilbata axibiyaa bataskaana nannichattii sirna jarmiyaa mana kiristanaa kan orotodoksii tewahidoo itiyoophiyaattiin diriire keessattii bifa walfakkaata ta’eenifi haala yeroo kutaan lalabicha irrattii argamuufi akkasumas haala jireenya miseensoota manneen barnoota dilbata bu’uura gochuudhan akka hojjirraa oolu ni qindeessa.
Miseensonnii manneen barnoota dilbataa barumsaa amantaa cinaatti barumsa addunyaa isaanitiinis akka keenna isaanitti wantoota irratti hirmaataniin akka milka’aan, namoota birootiif akka fakkenya ta’aan fi oggummaa argatanniin mana amantaa, biyyaa fi saba isaani gaarummaafi sodaa waqayyoottin akka tajajilaan leenjiwwan adda addaa gargaran ni qopheessa, ni qindeessa.