koree dhaabbii dhimma faaruu fi isaan walqabatan
“Qulqulluu qulqulluu qulqulluu yaa waaqayyo galanni kabaja kee samiif lafa kan guutedha jechaa yeedaloon ergamoota samiirra jiraatan irraa dhagaye akkam raajiidha”?( diggua qulqulluu Yaared)
Sirna waaqefannaa manni kiristaanaa ortodoksii tawahidoo Itiyoophiyaa gaggeesitu keessa qabeenyi samii fi inni jalqabaa A.L.I bara 600tti qulqulluu yaarediin ergemootarraa kan dhaalte sirna yeedaloo mahileetiiti.beektonni amantaa keenyas kadhannaa fi sirna galata kan sirna waaqeffannaa ittin gaggeefamu kan mallatto qulqulluu yareediin bocaman fi kan,afuura jajjeebessaniin ni raawwatu.
Koree dhaabbii dhimma faaruu fi isaan walqabatu kallattii tajaajila karaa qajeelchaa fi ijaarsa manneen barnoota dilbataa irraa kennamuun dhaloota boruu mana kiristaanaa dhaalan manneen barnoota dilbataa oomishanis darbii darbomakanaan beektota mana kiristaanaa irraa barachuun ogummaalee haala yeroo wajjin deeman kadhannaa fi galata akkasumas wangeelli amantootaaf akka dhaqqabu akka tajaajilan ni qindeessa.
qajelchaafi ijaarsa mannen barnoota dilbata angoo qal awaadii fi qulqulluu sinodosin keenname irrattii hunda’ee sirna barnoota mannen barnoota dilbata wiirtuu irratti qopha’ee guutu addunyatti mannen barnoota dilbataa teessoo patriyarikiirraa hanga mannen barnoota dilbata axibiyaa bataskaana nannichattii sirna jarmiyaa mana kiristanaa kan orotodoksii tewahidoo itiyoophiyaattiin diriire keessattii faarulee dhiyaatan dogma ,qannoonaa darbi darboo fi sirna mana kiristiyaana ortodooksii tawahidoo Itiyoophiyaa kan eegan akka ta’an gumii beektotaatiin ilaalchisee ni raawwachiisa.