Koree dhaabbii qo’annaa fi qorannaa
“Isin keessaa gamoo hojjachuu kan jaalatu xummuraaf kan gahu akka qabu dursee taa’ee kisaaraa kan lakkaawu eenyu?” Luka 14:28
Aduyyaa saffisa guddaan deemtu kessa akkuma jiraannu kallattii addunyaa dursee ilaaluun manneen barnoota dilbataa bara baraan wantoota jiran ilaalchisee tajaajila bara bite akka kennan ija kiristaanummaan kan ilaallaman tajaajila gargaarsa afuurummaa fi hawaasummaa qaban dursanii shaakallii gochuun barbaachisaadha. Haala kanaan koreen dhaabbii qo’annnaa fi qorannaa addunyaa guutuutti teessoo paatriyaarikii qindessaa qajeelcha manneen barnoota dilbataa hanga manneen barnoota aaxbiyaa kan diriireen jaarmiyaa manneen barnootaa mana kiristaaanaa Itiyoophiyaa ortodoksi tawaahidoo keessatti jaarmiyaa manneen barnoota dilbataa kan jajjabeessu fi qo’annaa faayidaa mana kiristaanaa mirkaneessan gaggeessuu, sagantaa tajaajila haarawa qo’achuun dursanii qophii gochuun hojii isa duraati. Tajaajilli kun miseensa &ogeeyyii manneen barnootaa tola ooltummaa ni fila,haala mijeessa, yoo barbaachisaa ta’es ogeeyyii ogummaadhaan muuxannoo qabaniin hojiirra ni oolcha.